More Articles
Featured Sermon

 

 

 

 

 Sagantaa garaa garaa irrattii lallaba fi barsiisa waraaban as fuula kana irraa yeroo dha yerootti hordofuu dandeessu. Kan dursan  do'achuuf fuula Birmaduu Gospel Media adeemaa.  

Latest News and Articles

Guddisa Ijoollee kan Maatii Kiristiyaanaa


Yeroo ammaa kana maati ijoollee isaanii akka ta’uttu guddifachuuf hedduu cimaadha. Bara yaraa duraa yeroo haawasi abbootaa fi akaakiloota keenyaa fuulaan ifaatti amalaa fi gochaa fudhatamaa safaree qabuttii, gaarii fi hamaan qulleefamee beekamuutti maatii ijoollee isaanii toraan guddifachuun akka arraa hamaa hin turre. Abbooti fi haadhoti aangoo isa ol annaa kan ijoolleen mamii tokko malee dhaga’uu fi abboomamuufii malanii dha. Yeroo amma aangoon abbaa fi haadhaa duudhaa hawasaa isa hedduu geddaramaa adeemeen rakasee kanatti ijoollee tooraan hamaa fi gaarii addaan baasanii barsiifachuu fi adabachuu hedduu keenyaa rakinna guddaa ta’ee jira. Hawaasi nuti keessa jiraannu ulfina maatii kan rakasiise duwwaa otuu hin taane, hariiroo ijoollee fi maatii gidduu jiru, akkasumas ijaarsaa maatii kan diigiidha.

Filannaa Gochaa Qabnna  
Egaa amnaan tokko haala akkasii keessatti akkamitti ijoollee isaa akka sagalee Waaqayyootti guddifata danda’a? Gaafiin kun kan hunduma keenyaati. Aamantoonni ijoollee keenya akka sagalee Waaqayyoo jedhuun alatti guddifachuu filannaa biraa hin qabnu, qabaachuus hin malle. Biyya lafaa oftuulummaa, halalummaa, fi cubbuu garaagaraan kan guutu waa’ee guddisa ijoollee keenyaa mullata gaarii nuf qaba jennee yaaduun wallaaluma. Biyyi lafaa arraa goolii, abboomamuu diduu fi boqu-jabuummaan garaa garaan kan guutte, gatijabummaan maatii kan keessa hin jirre, duuchaatti donnumaa dhuunfaa kan fuulleffate dha. Egaa kana keessatti maatiin kiristiyaanaa qusii tokko malee guddisa ijoollee keenyaaf kan amantii fi dhugaa Waaqayyoo wajjin deemu filannee fulduree ihjoollee keenyaa tolchuun nu irraa eegama. Waaqayyoo waa’ee ijoollee keenyaa yoom iyyuu nuun itti gaafata.

Sagalee Waaqayyoon Leenjisuu

Read more...

 

Fannoo fi Hiika Isaa Jireenya Keenya Guyya-Guyyaa Keessatti



Torban muraasa booda Waldaan Kirsitiyaanaa hundumtu ayyaan du’aa ka’uu Yesus Kiristoos ayyaaneffatu. Ayyaanefannaa kanaan Waldaan Kirsitiyaanaa waggaa dhaa waggaatti barsiisa fi jireenya gooftaa Yesuus, akkasuams du’aa ka’uu isaa yaadachuun adeemsa ishee fi hojii ishee biyya lafa kana keessatti jajajjabefatti. Amatoonnis akkasuma akkaataa garaa garatti yeroo kana yaadatu. Fakeenyaaf, yeroo dheeraaf aadaa Waldaa Kiristiyaanaa ka ta’e Guraadhala 25 eegalee hanga Ebla 6 nyaata dadhaa, foonii fi cooma hedduminaan qabu hundumaa lagachuun, yaada ofii Waaqayyo duratti gadi cabsanii  yeroo qoramaa fi fannoo kana yaadatu. Akeeki laguu kana waan tokko duwaadha, innis qalbii ofii Waaqayyo duratti gadi debisuun, jireenay ofii xinxaluu, qalbii jijirachuu fi hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban jabeessuu qofa. Kutaa kana keessatti amma kanan dubbachuu fedhe garu, waa’ee laguu kanaa otuu hin ta’in, waa’ee fannoo gooftaa Yesuus Kirsitoos isa yeroo kana yaadachaa jirru, isa hundee amantii keenyaas ta’eedha. Innis fannoon kun ara’a nuf maali? Jireenya keenya guyya guyyaa keessatti hiika maalii nuuf qaba isa jedhu ta’a.

Read more...

 

Wanta nu dura jiru duwwaatti haa hiixannu.

 

Ergamaan Paulos yeroo waa’ee akeeka Waaqayyo fuula keenya dura kaa’e bira ka’uuf ka gochuun nu irra jiru dubbatu ergaa isaa gara warra Filiphisiiyus kessatti akka jedha: “Obboloota ko ani akka nama harka isaa keessa isa galfatetti of hin lakkaa’u. Hata’u iyyuu male. Waan tokko nan godha; wanta na booddetti hafe yaaduu dhiisee; wanta na dura jirutti nan hiixadha.” Fipl. 3:13 

Pawuloos adeemsa amantii figicaa dorgommeen wal fakkeessa. Akkuma hundumti keenya beenu namni dorgommee fiigu yoo dhugaatti dorgommee isaa mo’icaan xumuruuf murteefate qutummaatti ija qalbii isaa xumura irraa kaayyate jabinaan gara fuula isaa duraatti fuggisa.  Akkuma kana Phawuloos yeroo waa’ee jireenya amantii dubbatu ka booda koo jiru booda kootti dhiisee isa na duraati nan hiixadha jedha.

Read more...

 

Jireenya Dhimma Basuutti Waamamane


Jireenya jiraachuu fi jireenya dhimma baasu jirachuun waa lama. Duuchadhumatti  jirenya jiraachuun, maataan isaa iyyuu jireenya akka ta’e waanta mamsiisu hin qabu. Hata’u iyyuu malee daaqaan jireenya nuti jiraannu hiikaa fi gatii jireenya murteessa. Gatii fi hiikaa kana egaa dhimma baasaa jireenyichaa  jenna. Jireenyi keenya jireenya irra darbee dhimma baasuu qaba. Dhimma hawaasa keenyaaf, dhimmaa maatii keenyaaf, akkasumas dhimmaa namoota naannoo keenya jiran maraaf.  Sadarkaa duraatti garuu, waa’een dhimma baasuu kun jireenya dhuunfaa ofii irraa eegala. Namni dhuunfaatti ofii isaati jireenya dhimma baasu hin jiraanne, isa biraaf darbee wanta dhimma baasu hin qabu. Barreefama kana keessatti egaa mee waa’ee jireenya dhimmaa baasuu waliin ilaalla.
Duuka buutoti Gooftaa Yesuus, araaraan jireeenya haaraa argatan qofa otuu hin taane, akka sagaleen Waaqayyoo dhugaa nuuf ba’utti jireenya dhimmaa baasuu qabaachuu fi horachuutti waamaman. Wangeela Maatiwoos 5:13-16 yeroo dubbifanu gooftaan Yesuus Kiristoos waa’ee warra isa duukaa bu’anii akkas jedha. “Isin soogidda biyya lafaati. Garuu soogiddi minyaawaa isaa yoo dhabe soogidummaan isaa akkamitti deebifamuu danda’aree? Gadi gatamee miilla namaatiin didhiitama malee waa tokkollee hin fayyadu.”

Read more...

 

Afeerraa Fayyinaaf Deebiin kee maali?.

WorshipMuddami Jireenyaa afeerraa Motummaa Waqayyo irraa nu ittisuu hin malle.


"Warra isaa wajjin maaddiitti taa'an keessaa tokko, kana yommuu dhaga'e Yesusiin, "Maaddii mootum¬maa Waaqayyootti kan dhi'aatu ay-yaantuu dha" jedhe*. Yesus garuu, "Namni tokko cidha guddaa isaa go-dhatee, namoota baay'ees waame. Yeroon nyaataa yommuu ga'e, 'Am-ma kottaa hundinuu qophaa'eera' je¬dhee warra waamaman haa yaadachii-suuf hojjetaa isaa itti erge.  Warri waamaman garuu hundumti isaanii, 'Akka itti dhufnu hin qabnu' jedhanii hojjetichatti dhimma garaa garaa hima-chuu jalqaban. Inni duraa, 'Lafa biteen jira, dhaqee lafa kana ilaaluun anaaf ta'a, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!' jedheen. 19Inni lammaf-faanis, 'Qotiyyoo cimdii shan biteen jira, in qotuu fi hin qotanii isaanii ilaaluudhaaf kunoo, karaa irran jira, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!' jedheen. Inni kaanis, 'Dhi'oon niitii fuudhe, kanaafis qaqqabee hin dhufu' jedheen. Hojjetichi galee kana gooftaa isaatti hime. Kana irratti ab-baan cidhichaa aaree hojjetaa isaatiin, 'Ariifadhuu gara karaa gurguddaatii fi karaa qaxxaamuraa mandara keessaa dhaqiitii warra waan nyaatan hin qabneef warra bu’aan dhagna isaanii hir’ate, warra jaaman, warra naafatanis ol galchi!' jedheen. Yommus hojjetichi, 'Yaa gooftaa, akka ati abboomtetti raawwatameera, garuu amma iyyuu id-doon jira!' jedheen. Gooftichi immoo hojjetichaan, 'Gara karaa gurguddaa biyya keessaatti, kelloota duubattis ba'iitii, manni koo hamma guututti ol haa galaniif nuffisiisi!' jedhe. Ani isinittan hima'o, jarreen dura waama¬manii didan sana keessaa tokko illee maaddii koo irraa waa afaaniin hin qaban!"jedheen. (Mat 22:1-10)

Read more...

 
More Articles...
Gospel Media
LIVE STREAMING

 
Live Worship : Every Sunday

Live Worship Streaming Every Sunday  from San Diego and Minnesota: OEC - Minnesota  8:30 AM (PT)  |  OEC - San Diego 4:30 PM (PT) and more will come soon

 
VIDEO STREAMING

Birmduu Gospel Media Video on Demand Video Streaming Service.

 
BIRMADUU RADIO

 Birmaduu Gospel Media Radio streams gospel songs, short devotions and readings in Afaan oromo.

 
Articles by Order