More Articles
Featured Sermon

 

 

 

 

 Sagantaa garaa garaa irrattii lallaba fi barsiisa waraaban as fuula kana irraa yeroo dha yerootti hordofuu dandeessu. Kan dursan  do'achuuf fuula Birmaduu Gospel Media adeemaa.  

Jireenya Dhimma Basuutti Waamamane


Jireenya jiraachuu fi jireenya dhimma baasu jirachuun waa lama. Duuchadhumatti  jirenya jiraachuun, maataan isaa iyyuu jireenya akka ta’e waanta mamsiisu hin qabu. Hata’u iyyuu malee daaqaan jireenya nuti jiraannu hiikaa fi gatii jireenya murteessa. Gatii fi hiikaa kana egaa dhimma baasaa jireenyichaa  jenna. Jireenyi keenya jireenya irra darbee dhimma baasuu qaba. Dhimma hawaasa keenyaaf, dhimmaa maatii keenyaaf, akkasumas dhimmaa namoota naannoo keenya jiran maraaf.  Sadarkaa duraatti garuu, waa’een dhimma baasuu kun jireenya dhuunfaa ofii irraa eegala. Namni dhuunfaatti ofii isaati jireenya dhimma baasu hin jiraanne, isa biraaf darbee wanta dhimma baasu hin qabu. Barreefama kana keessatti egaa mee waa’ee jireenya dhimmaa baasuu waliin ilaalla.
Duuka buutoti Gooftaa Yesuus, araaraan jireeenya haaraa argatan qofa otuu hin taane, akka sagaleen Waaqayyoo dhugaa nuuf ba’utti jireenya dhimmaa baasuu qabaachuu fi horachuutti waamaman. Wangeela Maatiwoos 5:13-16 yeroo dubbifanu gooftaan Yesuus Kiristoos waa’ee warra isa duukaa bu’anii akkas jedha. “Isin soogidda biyya lafaati. Garuu soogiddi minyaawaa isaa yoo dhabe soogidummaan isaa akkamitti deebifamuu danda’aree? Gadi gatamee miilla namaatiin didhiitama malee waa tokkollee hin fayyadu.”

Yesuus jireenya keenya sogiddeessuu sogiddan wal fakkeesse. Sogiddi maal akka ma’ii basu nu jalaa hin dhokatu. Sogiddi in mi’eessa akkasumas in soogiddeessa. Minyeessuu isaatin nyaata afaan keenyatti tolee akka nyaannuuf nu gargaara. Soogideessuu isaatiin immo nyaati akka tortoree hin banneef maa’ii baasaa.  Akkasumas namooti yeroo dheeraaf soogidda akka qorichaatti dhimma itti ba’aa turan. Ar’a waanta warshaatti hoomishamu keessaa kan maa’iidhuma kanaaf kan soogiddi itti hin makamne yaraadha. Gooftaan Yesuus egaa isin, duuka buutoti koo, soogidda biyya lafaati yeroo jedhu, maa’iin jireenya keessanii akka soogidda kanaati jechuu isaati.
Amanaan soogidda biyya lafaati. Biyya lafaa kana kan minyeessu, kan tortoruu oolchuu daaqaa jireenyaa ofii keessaa qaba. Waaqayyo araara isaan nuu keessa hafuura isaan jiraachuu waan fedheef, ijaa hafuura keenyaa waan nuuf baneef jireenyi keenya soogiddumaa kana horate. Akka kanaan kan gooftaan Yesuus jedhu, gochaa keenyaan, adeemsa keenyaan akkasumas haasaa keenyaan biyya lafaa kana minyeessuu fi soogiddeessuutti waamamtan jechuu isaati.


Jirenya Minyaawaa jiraachuun filanadha
Jireenyaa maa’ii baasuu fi minyaawaa jiraachuun filanaadha. Nammii yoo filate, jireenyaa bushaa’aa akkasumas hadhaa’aa kan naannoo isaa hadheessuu fi summeessu jiraachuu danda’a. Amantoo gooftaa Yesuus garu jireenya minyaawaa kan biyya lafaa hadhaa’uu fi tortoru oolchu jiraachuutti waamame.  Biyya lafaa kana kan hadheessuu sadarkaa duraatti jibbiinsaa fi hammina nama cubbamaati.  Jibbiinsi, hammini, hinaaffaan garaa garaa fi albaadhummaan yoomi iyyu warra jireenya keenya hadheessanii dha. Nammi cubuun irratti mo’ee gooftaa isaa ta’e, jireenyaa jibbaa, hamminaa, hinaaffaa, fi sassata garaa garaa jiraatu ofii isaatis nagaa hin qabu, biyya lafaafis nagaa kennuu hin danda’u. Kan Yesuusiin qabu nagaa, jaalala, gaaruummaa, garraamummaa fi obsaa qaba, isaan kanas biyyaa lafaaf hiruun biyya lafaa mi’eessa.  Amnaan tookko egaa minyeessuu isaa kanaan cuubbuun biyya lafaa tortoresee akka hin balleessineef dama’a.  Jireenyi Amanaa tokkoo minyeessuu fi soogiddeessu kana keessa ala ta’ee hin danda’u. Kanaa achii eenyuufuu dhimma hin baasu.


Minyeessuun  itti makamuudhaani
Sadarkaa Lammaffaatti yoo ilaalle minyeessuun yookan soogiddeessun kun kan ta’uu danda’u itti makamuudhani. Soogiddi achuma qodaa isaa keessa ta’ee minyeessuu yookaan soogideessuu hin danda’u. Miyeesuuf isa miyeessuu male sanatti dabalamuu yookan makamuu qaba. Egaa jireenyi amanaa tokko kan inni sogiddumaa kana qabaatu, waanta fooyya’uu male, geddaramuu male, yookaan hakka hin banneef tikfamuu male hundumaatti hirmaachuun dhimmaa soogiddumaa isaa kana ba’a.  Jireenya maatii keenyaa, jireenya hawaasa keenyaa, akkasumas dhimma biyya keenyaa qarqara dhaabannee hawwa duwwaan yookaan hiixannaadhaan geddaruu hin dandeenyu.
Jireenyaa waldaa kee keessattii geddarmsa feetaa? Hawasa keessa jiraattu keessattii geddaramsi akka dhufu, jiruuf jireenyi namaa akka fooyya’u feetaa? Waa kana hundaa dhugeefachuuf waa tokko barbaada. Isa barbaaddu sana jiraadhu! Hawwiidhan, komeedhaan yookaan alaala taa’anii quba qubaan fafooftaa fi hirrina jiraan lakkaa’uun hiika hin qabu. Geddaramsi kan dhufu, kan mi’aa dhabe mi’aa kan horatu, kan tortoruu eegale tortoruu irraa kan oolu yeroo inni minyeessuu, yookan tortoruu oolchuu itti makamee mo’atu qofa. Nuti duuka buutoti gooftaa Yesuus isa kanttii waamamne, itti makamne mo’achuu dha.
Arraa haallii waldaa keenya keessa jiru, darbees hawwas keenya keessa jiru, isa kan yoomii caalaa sogiddummaa ijoollee Waaqayyoo barbaada. Hawaasa keenya isa muddamaa fi rakkinaa yeelloo hamaa fi cunqursa keessa jiru, teenyee quba walitti qabuun waanti fooyyesinu hin jiru. Komee fi wal dhaga’uu dhabuudhaan aango seexanatti saffisaan dabarsiinee wal kennaa, fuulduree fi guddina dhaloota dhufuu waanjoo garbummaa irratti jabeessaa jirra.  Waqayyoo anaa fi siin maa’ii gaarii ta’uutti nu waame. Wal haadheesnee hafuura walii wal keessatti ajjesuu fi diinummaa jajjabeesuu otuu hin taane, dhugaa jaalalaan dubbachuu, fayyina labsuu, abdii hawwaajuu fi namoota fedha Waaqayyo isa gaarii itti mullisuutti waamamne. Isa kana gochuu danda’eef, itti makamuu irraa of qusachuu hin dandeenyu. Itti makamnee isa bade sirreessuu, isa abdii dhabe abdicha isa ta’e itti agarsiisuu, ba’aanjireenyaa fi cubbuu itti ulfaate isa ba’aa namaa ceephoo fi tuffii tokko malee nama irraa fuudhuun walfiroomsu qooda duuka buutota Kiristoos hundumaati.
Itti makamuu yeroo jennuu akka duuka buutota Kiristoosittii waa tokko qulleefanee bekuun barbaachisaa dha. Tokkoffaa kaayyo itti makama keenyaa, lammaffaa hubee fi amanamummaa sagelee Waqayyoof qabnuu jabaa ta’uu isaati. Akeeki itti makama keenyaa fedha Waaqayoo tajaajiluu fi haalicha garaa fedha Waaqayyootti qajeelchuu dha. Biyyi lafaa inni human dukkanaan mo’amee jiru ofitti nu dabalatte soogiddumaa keenyaa nurkatti akka hin busheessineef, qalbii fi jireenya keenyaa fedha Waaqayyootti hiinee jabaannee dhabbachuu barbachisa. Hafuura keenya abdii Waaqayyootti hiinee mo’uuf dhama’uun akka nu irraa eegamu tolchinee yoo hin beekne itti makami keenya rakkia hafuuraa fi foonii hamaa keessa nu galchuu danda’a.
Akkuma gooftaan keenya jireenyaa namootaa sadrakaa garaagaraa, of qusii tokko malee itti makamnee fayyinaa fidee fi gaariitti geddare, nus duuka buutoti isaa jireenya maatii keenyaa, obboloota keenyaa, hawaasa keenyaa darbees biyya keenyaa itti makamuun fedha Waaqayyoo namoota hundaaf mullisuu nu irraa eegama. Kana gochuu duwwan kan jireenyaa keenyaa akkasumas kan biraa miyeessuu fi tortoruu oolchinu.


Jireenya Minyaawaan Dubbii Waaqayootti qabamuu irraati
Egaa jireenya minyaawaa kana jiraachuuf hundumaa dura amanaan kamuu, isa minyaawaan jirenyaa keessaa burqu Waaqayyotti qabamuu qaba. Otuu jabaannee dubbii Waaqayyoon jireenya keenya hin sooriin, qalbiin keenya hin ijaaramin, guyyaa guyyaatti walqunamtiin nuti Waaqayyon wajjin qabnu gabbataa hin adeemin, jireenyaa soogiddummaa horachuun hin danda’amu. Jireenyaaa mi’aa isa gooftaan dubbatu kana horachuuf yeroo hundumaa kadhatti jabaachuu, Macaafa Qulqulluu dubbifachuu, hirmaannaa tokkummaa amantootaa jabeeffachuu, hundumaa oli immoo Waaqayyoof abboomamuu jireenya keenya keessatti dhugeefachuun barbaachisaadha. Otuu Waaqayyoof hin abboomamin, fehdaa isaa ga’aatti hin hubatin jireenya minyaawaa jiraachuun hin danda’amu.


Soogiddummaa kan qabu ifa namootaati
Yeroo jireenya minyaawaa kana jiraannu egaa nuti soogidda biyya lafaa duwwaa otuu hin taane, ifa biyya lafaati. Yeroo dubbii Yesuus itti fufnee dubifannu boqonnaa shan lakkobsa kudha afuri irratti “Isin ifa biyya lafaati…” yeroo jedhu jireenya keessanin, deddeebii keessaniin, gochaa keessaniin hassaa keessaniin kallattii dhugaa Waaqayyoo, kallattii jirenyaa agarsiiftu jechuu isaati. Akkuma ifti dukana mo’achuun kallatti argisiisuu male, yookaan akkuma aduun ifa isheen umamaaf jireenyaa laattu, duuka buutoti Kiristoos dukkanaa cubbuu hundmaa mo’achuun walii walii isaaniif akkasuma biyya lafaa isa keessa jiraataniif ifaa ta’uutti waamamne.  Ifa ta’uun kun tarii salphaa hin ta’u. Kan ifa ta’uu male hundumtuu gubachuu male. Gubachuu malee ifuun hin jiru. Gubachuun keenya garuu boba’anii baduu akka hin taaneef hafuurri Waaqayyoo yeroodha yeroootti ayyaana Waaqayyoo nu gonfa. Isa kanan egaa kan Kiristiyaana tokkoo jireenya ifaa dhabbataa horatu.   


Mee kara keettan deebi’aa jireenyi kee mal fakkaata? Namni si minyeefata moo si hadheefata lata? Jiraachuun kee maatii kee keessatti, hawaasa kee keessatti garaa garummaa uuma qaba lata? Obbolessa koo , obboleettii koo gooftaan Yesuus jireenyaa minyaawaa jiraachutti nuu waame. Walii keenyatti jireenyaa hadheessuu, yookaan jireenya walii keenyaa tortoresuu otuu hin taane jireenya wali walii keenyaa minyeessu, tortorsa cubbuu irraa wal oolchuu fi jireenyaa fi fayyina waliif ta’uutti nu waame. Egaa akka kanatti kan jireenya minyaawaa kan jiraannu. Jireenyaa minyaawaa kana jirachuun keenyas Waaqayyo akka ulfaatuu fi maqaan isaan gaarummaa hundumaa akka dubbatamuufi. Yesuus akkas jedha, “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa Waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessam akkuma kanatti namoota duratti haa ifu”.

 
Gospel Media
LIVE STREAMING

 
Live Worship : Every Sunday

Live Worship Streaming Every Sunday  from San Diego and Minnesota: OEC - Minnesota  8:30 AM (PT)  |  OEC - San Diego 4:30 PM (PT) and more will come soon

 
VIDEO STREAMING

Birmduu Gospel Media Video on Demand Video Streaming Service.

 
BIRMADUU RADIO

 Birmaduu Gospel Media Radio streams gospel songs, short devotions and readings in Afaan oromo.

 
Articles by Order