Guddisa Ijoollee kan Maatii Kiristiyaanaa

Yeroo ammaa kana maati ijoollee isaanii akka ta’uttu guddifachuuf hedduu cimaadha. Bara yaraa duraa yeroo haawasi abbootaa fi akaakiloota keenyaa fuulaan ifaatti amalaa fi gochaa fudhatamaa safaree qabuttii, gaarii fi hamaan qulleefamee beekamuutti maatii ijoollee isaanii toraan guddifachuun akka arraa hamaa hin turre. Abbooti fi haadhoti aangoo isa ol annaa kan ijoolleen mamii tokko malee dhaga’uu fi abboomamuufii malanii dha. Yeroo amma aangoon abbaa fi haadhaa duudhaa hawasaa isa hedduu geddaramaa adeemeen rakasee kanatti ijoollee tooraan hamaa fi gaarii addaan baasanii barsiifachuu fi adabachuu hedduu keenyaa rakinna guddaa ta’ee jira. Hawaasi nuti keessa jiraannu ulfina maatii kan rakasiise duwwaa otuu hin taane, hariiroo ijoollee fi maatii gidduu jiru, akkasumas ijaarsaa maatii kan diigiidha.
Filannaa Gochaa Qabnna
Egaa amnaan tokko haala akkasii keessatti akkamitti ijoollee isaa akka sagalee Waaqayyootti guddifata danda’a? Gaafiin kun kan hunduma keenyaati. Aamantoonni ijoollee keenya akka sagalee Waaqayyoo jedhuun alatti guddifachuu filannaa biraa hin qabnu, qabaachuus hin malle. Biyya lafaa oftuulummaa, halalummaa, fi cubbuu garaagaraan kan guutu waa’ee guddisa ijoollee keenyaa mullata gaarii nuf qaba jennee yaaduun wallaaluma. Biyyi lafaa arraa goolii, abboomamuu diduu fi boqu-jabuummaan garaa garaan kan guutte, gatijabummaan maatii kan keessa hin jirre, duuchaatti donnumaa dhuunfaa kan fuulleffate dha. Egaa kana keessatti maatiin kiristiyaanaa qusii tokko malee guddisa ijoollee keenyaaf kan amantii fi dhugaa Waaqayyoo wajjin deemu filannee fulduree ihjoollee keenyaa tolchuun nu irraa eegama. Waaqayyoo waa’ee ijoollee keenyaa yoom iyyuu nuun itti gaafata.
Sagalee Waaqayyoon Leenjisuu
Kanaaf egaa ijoollee keenya otuu isaa ol hin ba’in hamaa fi gadhee, dubbii sagalee Waaqayyoo ogumaan barsiisuun barbaachisaa dha. Kakuu moofaa keessatti museen saba Israa’eliin akkas jechuun akeekachiisa “Isin garuu damaqaa, waanta ijaan argitan akka hin irraanfanetti bara jireenya keessanii guutuus garaa keessan keessaa akka hin bannetti of eegadhaa. Ijoollee keessan ijoollee ijoollee keessanniis barsiisaa. Gaafa isin garra Siinaatti Waaqayyoo gooftaa keessan dura dhaabbatan, ‘sabin kun bara lafa irraa jiraatu hundumaatti ana sodaachuu akka baraniif, ijjoolle isaaniis akkasuma akka barsiisaniif ani dubbii koo akka dhaga’an nan godha atis ana biratti isaan walitti qabi’ jedhe” (S. Kd. 4:9-10) Ijoollee keenya akka sagalee Waaqayyootti guddifachuu danda’uun, bu’aan isaa inni olaanaan mataadhuma ijoollee sanaaf. Ijoolleen keenyaa jireenya cubbuu fi gadiisiitti guddatanii jireenya isaanii akka hin balleessinee, jireenyi isaaniis akka inni karooraa fi ebbaa Waaqayyoo qabaatuuf ijoollee keenya dhugaa sagalee Waagayyoon leenjifachuun yoom iyyuu qooda maatiiti.
Ijoollee keenyaa yeroo akka sagalee Waaqayyootti leenjifannuu, seeraa fi sodaan xaxuuf otuu hin taane jireenya qajeelaa, ulfina fi nagaa qabu horachuuf daandii isaan irra adeemuu malan itti argisiisuu dha. As irratti egaa dandee ofii irra hin deemne, jireenya ofii keenyaa hin jiraannetti ijoollee keenya guddisuu yoo yaalle ulfaataa ta’a. Kanaaf kan dursu maatiin dhugaa dubbii Waaqayyotti qabamuu dha. Yeroo hedduu ijoolleen keenya kan isaan nu hin dhageenyeef, waanuma mataa jabatanii otuu hin taane nuti maatiin yeroo isa isaan dhaga’uu malan sanattii akka maatitti qabamnee hin jiraaneedha. Amanamummaa, jaalala, walulfeessuu, wal dhaga’uu, karoora qabachuu, hojii ulfeessuu, dhugaa dubbachuu, seeraa maatiin hin amaleefanne ijoollee isaa dhugaatti amaloota kanatti guddifachuu hin danda’u. Egaa guddisi joollee jireenya maatii kan ilaalu, gar tokkoon guddisa maatii walii galaati jechuu dha. Itti galli akeeka guddisa ijoollee inni ol anaan ijoolleen yeroo guddatan waa’ee jireenya isaanii itti gaafatamummaa fudhatanii amanamuummaan Waaqayyo dura, akkasumas maatii fi hawaasa keessa jiraatanii eebba akka ta’anii dha. Milkaa’uu fi eebbi isaanii murtii isaan itti gaafatamummaan godhan san keessa jira.
Itti gaafatamuumaan Adabuu
Ijoollee abboomuun barbaachisaa duwwaa otuu hin taane, itti gaafatama maatiiti. Ijoollee keenya, kan hamaa fi gaarii tooraan gargar baasanii hin beeknee yoo qajeelinaan hin leenjifnee, jireenyaa qajeelaatti guddachuu hin danda’an. Sagaleen Waaqayyoo akkas jedha, “ijoollee adabanii karaa irra buusuun gaarii dha, mucaan gad-dhiisitti guddatu garuu haadha isaa yeellasisa.” (Fkn. 29:15) Ijoollee keenya nammi nuuf adabu hin jiru, kan ijoollee keenya akka amantootaatti sagalee Waaqayyoon guddifatu, qajeelinatti addabbatu maatii dha. Waa’een ijoollee adabuu, callisanii ijoollee wanta’ee fi waan hin taanettii dheekkamuu fi hagajja’uu otuu hin taane, yeroo isaan balleessan akka isaan balleessan hubachiisanii ulfinaan isaan adabanii karaa sirri ta’e itti argisiisuu dha. Yeroo waa’ee ijoollee adabuu haasofnuu, ijoollee irrattii aarii keenya ba’uu akka hin taane tolchinee beekuu qabna. Aarii keenya qabanee, ijoollee keenyaa akka ta’utti kara itti argisiisuutu nu irra jira.
Hundumaa ol, ijoollee wajjin kadhachuu, seenaa macaafa Qulqulluu qorachuun, wajjin Waaqefachuun, yeroo kennaniifi wajjin haasa’uu fi taphachuun barbaachisaa dha. Yeroo kun hin taane ijoolleen lafti isaan akka ijoollee Kiristiyaanotaatti gaarii fi hamaa gargarbaasanii hubatan, akkasumas itti amaleeffatan waan dhibuuf ijoollen gaddhiisii kan itti qaanoofnu ta’u. Akkas gochuu keenyanis fulduree isaanii balleessa jirra. Hawaasi keessa jiraannu kun kan fedha isaa fi gochaa isaan faallaa fedha Waaqayyoo jiraatuu, nu mo’atee ijoollee keenya nu harkaa fudhachuu hin qabu. Waaqayyotti oflaanee amanamuumaan ijoollee keenya karaa Waaqayyoo itti argisiisuun, leenjisuun yoom iyyuu qooda maati kiristyaanaati. Waaqayyo tokkon tokkon maatti itti gafatamumma inni keneedha. Dubbi kana ilaalchisee Waaqayyo Abrahaamin akkas jedhe ture, ”Ani Abrhamiin beekee fo’adheera; ammas ani Waaqayyo isan Abrhaamin abdachise akkan raawwadhuufitti, inni ijoollee isaa, namoota mana isaa wanta qajeelaa waanta dhugaa ta’es hojechuudhaan kara ana Waqaayyoo akka eeganiif isaan abboomuun isa irra jira” jedha. Ergaan kun arraa maatii Kiristiyaanota hundaafi. Ijoollee akka fedha Waaqayyootti guddisuun eebbi isaa ijoollee duwwaaf otuu hin taane maatii ijoollee fi akkasuams darbee hawaasaaf.
Luba Gemechu Olana





