More Articles
Featured Sermon

 

 

 

 

 Sagantaa garaa garaa irrattii lallaba fi barsiisa waraaban as fuula kana irraa yeroo dha yerootti hordofuu dandeessu. Kan dursan  do'achuuf fuula Birmaduu Gospel Media adeemaa.  

Fannoo fi Hiika Isaa Jireenya Keenya Guyya-Guyyaa Keessatti



Torban muraasa booda Waldaan Kirsitiyaanaa hundumtu ayyaan du’aa ka’uu Yesus Kiristoos ayyaaneffatu. Ayyaanefannaa kanaan Waldaan Kirsitiyaanaa waggaa dhaa waggaatti barsiisa fi jireenya gooftaa Yesuus, akkasuams du’aa ka’uu isaa yaadachuun adeemsa ishee fi hojii ishee biyya lafa kana keessatti jajajjabefatti. Amatoonnis akkasuma akkaataa garaa garatti yeroo kana yaadatu. Fakeenyaaf, yeroo dheeraaf aadaa Waldaa Kiristiyaanaa ka ta’e Guraadhala 25 eegalee hanga Ebla 6 nyaata dadhaa, foonii fi cooma hedduminaan qabu hundumaa lagachuun, yaada ofii Waaqayyo duratti gadi cabsanii  yeroo qoramaa fi fannoo kana yaadatu. Akeeki laguu kana waan tokko duwaadha, innis qalbii ofii Waaqayyo duratti gadi debisuun, jireenay ofii xinxaluu, qalbii jijirachuu fi hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban jabeessuu qofa. Kutaa kana keessatti amma kanan dubbachuu fedhe garu, waa’ee laguu kanaa otuu hin ta’in, waa’ee fannoo gooftaa Yesuus Kirsitoos isa yeroo kana yaadachaa jirru, isa hundee amantii keenyaas ta’eedha. Innis fannoon kun ara’a nuf maali? Jireenya keenya guyya guyyaa keessatti hiika maalii nuuf qaba isa jedhu ta’a.


Akka Wangeeloti arfan dhugaa nuuf ba’aaniti Yesus Kiristoos tajaajila isaa biyyaa lafaa gara dhumaa irratti  yeroo inni fuula isaa gara Yerusaamitti deeffate  baatii birraa yeroo ayyaana Faasikaa jala ture. Yeroon kun yeroo itti Yihudoti biyya dhiibuu Misir keessaa humna Waaqayyoon furamuu, kessaa iyyuu,  irra-darbuu Waaqayyoo yadatanii dha. Akka Seera Ba'uu 12: 1-51, guyyaan kun guyyaa chida Waaqayoo kat itti sabi Isiraa’el  dinqii furii Waaqayyoo yaadatanii dha. Seenaan kun kan nutti himu yeroo sanatti Waaqayyo sabi Isiraa’el bittaa Fari’oon jaalaa baasuuf  humna du’aan angafoota biyya Misir akka rukute, Yihudota warra xobbaalessa hoolaa  mudaa hin qabnee qalanii dhiiga isaa michichillaa fi buusaa balbala isaaniitti diban garuu akka irra darbe ture. Kanaaf Faasikaa jechuun irra darbuu jechuudha. Ergaa biyya Misirii ba’anii booda Sabi Isiraa’el guyyaa kana baatii ‘Nisan’ jedhamu Kessa goochaa olchuu fi walabummaa  Waaqayyo isaaniif  kenne yaadhachuun waggaa dha waggaatti ayyaaneffatu.  
Yesuus yeroo kana egaa bartoota isaan waliin ka inni gara Yerusaalemitti ol ba’e. Yeroo kanatti ol ba’uun isaas tasa hin turre. Waanti Yesuus Yesussaalemtti raawwachuuf adeemu, sena kana kan akeekaa Waaqayyoo keessatti bifa addaan hiika ol aanaa itti kunnu ture. Amma inni ofii isaati hoola fasiikaa ta’ee gara Yerusaalem dhufe, akeeka fayyisuu Waaqayyoo, yookaan irra-darba Waaqayyoo seenaa kessatti yeroon inni itti namumaa isaa irratti raawwatamu wanta ga’eef gara Yersusaalem dhufe. Akka


kanatti egaa hiiki fannoo arsaa fi fayyisuu Waaqayyoo kan keessatti xumura argate harka hiixannaa Waaqayyoo, ka inni gara ilmaan namaa warra isa yakkan hundumaaf godheedha.
Kana duwaa miti, hiiki fannoo sadarkaa garaa agaraatti ilaaluu dandeenya. Mee garu haala yeroo fannoo sanaa dursinee gabaabatti haa’ilaallu. Yerusaalem bakka giddu galeessa mootumaa du’waa otuu hin taane, tokkichi manni qulqullumma Waaqayyoo kan jiruudha. Kanaaf yeroo kana Yesuus duwaa otuu hin taane, Yehuudoti martu iddoo giddu galeessa qulqullaa’a kanatti ayyaana kanaaf  dhufu. Yeroo  Yesus biyya lafa irra deddeebi’aa ture, kanatti garu Yehuudonii bittaa Roomaa dhibbuu hama jala jiraatu turan. Kanaaf ayyaanni faasikaa yeroo sana ayyaanefamu tarii seenaa Misirii ba’uu isaani yaadachuu qofa otuu hin taane,   ayyaan kanaan abdii fi hawwa isanii ka birmaduu yeroo itti harreffatanii fi fuula Waaqayyootti jajjabatan ture. Kanaafuu ta’a yeroo Yesuus Maagaalaa Yersusaalemitti dhi’aate ka namooti hedduun uffata isaanii , garii kaan baalaa  cabsanii lafa buusuun Yesuusiin “Hoosaa’inaa ! Inni Maqaa Waaqayyo gooftaan dhufu alateefamaadha. Mootumaan Daawit abaabilii keenyaa inni dhufu galateefamaadha ! Hosaa’inaa ol Waaqayyo gubbaatti” jechuun simatan. (Maarqos 10:12). Yehudonni yeroo kana Masihii ka deebisee dhufe birmaduu isaan baasu fi mootummaa Dawwit gadi dhaaabu eegaa wanturaniif tarii Massihchi isa kana ta’innaa laata ka jedhu irraa kan ka’e hedduun Yesus irraa abdii ol’aanaa qabu turan. Yesuus dhuguma Masihicha ture, hata’u iyuu melee abdii Waaqayyoo isaanif kenne ka inni rawwachuu dhufe karaan isaa ka isaan beekanii fi abdatan irra hedduu hiixuu ture. Furmaati Waaqayyo akeeki yeroof otuu hin taane, gadi fageenyatti qalbii fi hafuura nama isa jal’inaa fi baddisa hundumaan guute, hidhaa cubbu hundumaa irraa furuun gara yaadaa fi kallattii jireenyaa gidarachuutti afeeruuf dhufe.  Geddaramsi siyaasaa yookaan dinagdee yookaan hariiroon naoomta giddu jiru qofaan geddaramasa ga’aa dhala nama irrati akka hin finne beekamaadha. Hanaga yaadi qalbii namaa hin geddaramitti, hanaga nagaan, jaalalli, kabajaan fi gatijabbinni namummaa namaa qolbii hafuura namaa irrtti hin mo’initti, hanaga namni uumama Waaqayyoo ta’e jireenyaa fi deddebii isaan fedha Waaqayyo ala jiraatutti gadadoon dhala namaa xumura hin qabu.


Yeroo Wangeelota itti fufnee dubbisnu, guyyoota muraasa booda sagaleen faaruu fi jajuu dhufatee Yesuus kun dubbii hamaa fi gaa’iisuutti garagale. Yesuusiin dubbin kun garuu isa hin raajne. Yesuus wanta Yersusaalemti isa eeggatu dursee qalbii isaa keessatti ni beeka ture, bartoota isaas kanaaf qopheessas ture, yoo isaan hubachudhaa bataniyyu. Fuula isaa ka jiru fannoo fi du’a. Kanaaf simannaan tuuta kana hedduu isa hin raajne. Baratoonnis simannnaa kana yoo dinqifatanu akka Marqos  jedhutti sodaachaa gara Yerusaalemitti adeemu turani.  Yesuus torbanoota muraasa mandara Qiisaariyaa kessa otuu jiranii goyyoota muraasa dura gaaffi tokko isaan gaafate ture. Innis “ namooti eenyu nan jedhu?” ka jedhu ture. Baratoonnis uummati duukaa yaa’u kun waa’ee isaa yaada garaa garaa akka qaban, kaan Yohaannis Cuuphaatu debi’ee ka’e, kaan immo raajota keessa tokko akka ittin jedhan dubbatan. Inni immoo deebisee “Isinoo maal naan jettu?” jedhe isaan gaafate, yeroo kana Pexiroos ati “Massihicha”  jedhe dugaa ba’e.  As irrati wanti nuti arginu uummati isa duukaa yaa’aa ture sun waa’ee Yesuus yadaa garaa garaa fi abdii garaa garaa qabachaa turuu isaaniti, kanaaf simannaa fi faaruun isaanii hanga dhumaatti adeemuu hin dandeenye. Kanaaf yeroo inni akeeka isaa duwwaa fullefatee Yersusaalem keessa deddebi’ee barsiisuu fi abboota amanti cubbuu isaaniif ceepha’uu itti fufe, tuuti sila sirbaan isa simate booda debi’e, abbooti amanti warri barsiisi Yesuus ka aboo isaani tuqetti fudhatan isa ajeesuus korachuu jalqaban.


Si’a tokko tokko jireenyi namaa iyyuu akkasi. Biyyi lafaa hanga nuti akeeka isaa fi ilaalcha isaa oftii simanee duukaa ademntetti, nu farsuu fi ol ol nu kaasuu irraa ofi hin qusatu. Yeroo nuti garuu fedha fi ilacha biyya lafaa irra Waamicha fi akeeka Waaqayyoo dursinu mufatanmuun, jibbamuun fi itti gaa’ifamuun jireenya guyya guyyaa ta’a. Si’a tokko tokko haala kanaan muddamne, fannoo keenya baanne dhugaa Waaqayyoo tajaajiluu irra, fedha fi hawwa garaa namaa tajaajuluu irratti yeroo fi baroota keenya fixnna. Waaqayyo garu ka inni nu irraa fedhu gaaffii malee callaatti fedha, yookaan hawwa nomootaa tajajiluu out hin taane,  isa qofa dubbi fi jirenyaa keenyaan tajaajiluudha. Tokkkon tokkoon keenya akeekaan biyya lafaa kana keessa Waaqayyo nu kaa’e. Akeeka sanas kallattiin akka tajaajillee dabaruufis fedha Waaqayyooti. Yeroo akeeka sana tajaajillu garu nammi hundumtu nu hin farasan, biyyi lafaas nu hin simatu ta’a. Ka gooftaa Yesus irraa barannu, kun nu raasuu hin qabu. Yesuusin namooti isa faarsuun isaanii yookaan isatti gaa’isuu fi tuffachuun isaanii fedha Waaqayyoo, isa ol’aanaa ta’e, isa itti dibame sana tajaajiluu irraa of hin qusanne. Tarii yeroo ayyaana Fasiakaa kana waa’ee jireenya kenyaa, waa’ee tajaajilaa fi deddeebii keenyaa ija kanaan xinxaluun ni ta’a.


Yoo gara ayyaana Faasikaa dubbachaa turettu deebina, Yesuus yeroo kana ka inni gara Yerusaalemiti ol ba’e yoo amma qalbiin ilaalle hubachuun isaa nu hin rakkisu. Akeeki Waaqayyoo Yesuus keessaan yeroon itti raawwatu, yeroo itti Waaqayyo dhangala’uu dhiiga ilama isaa isa qulqulluun cubbuu namootaa irra darbuu fi hariiroo haaraa umudha. Seera Ba’uu boqonaa kudha lama kessatti akka duratti argnie, Isiraa’eloonni dhiiga Xobbaalessa hoolaa mudaa hin qabne balbala isaanitti dibuun, dha’icha Waaqayyoo irraa hafuun abdii Waaqayyo isaaniif kenne birmaduu fi biyya jirenyaa dhaalan. Inni kun garuu gaaddisa isa karaa Yesuus dhufee guutu ture. Yesuus qulqullumaa isaatii fannifamuun nuun namoota warra akka cubuu keenyaaf dha’ichii nuuf ta’u jalaa nu baraare. Kanaaf yeroon fannoo amma ayyaanefannu kun yeroo itti irradarbuu Waaqayyoo karaa Yesus nuuf ta’e yaadanuudha. Kanaaf faasikaa jenna.


Dubbiin lammaffaan, fannoo irratti Waaqayyoo cubbuu keenya duwwaa irra nuuf darbe otuu hin taane, yeroo gadi fageeessinee ilaallu jireenya keenya guyya guyyaa dubbi abdii jabaa of keessaa aba. Waaqayyo ofii isaatti adaba cubbuu keenyaaf ta’u ofii isaatti itti darbee baase birmaduu nu baase duwwaa otuu hin taane, dhiphin kenyaa hundumaatti hirmaate akeeka fi jaalala inni tokkoon tokkoon keenyaaf hedduu akka guddaa ta’e nuuf dhugoomse. Yeroo jalqabaa dhaloota Yesuusi kaasnee ilaallu tarii dubbi kana gaaritti hubachuu dandeenya. Dhaloonni Yesuus iddoo gad-deebii fi maati hiyyessa kessaaa ture. Yooseef fi Maariyam jirenya irraa hafaa kan qaban hin turre.  Dhaloota isaa boodas Yesuus maati kanaa wajjin, ajeechaa Heroodis jalaa ooluuf biyya Misiritti yeroo muraasaaf baqatee, jireenya baqataatti guddate. Yeroo ga’eessa ta’e barsiisuu jalqabetti, immo sagalee birmaduu inni cubamootaaf, ka hawaasi moggaatti dhiibe oftti qabee kallatti jirenyaa itti agarsiise, abboota amantii fi warra angoo qaban duratti hin jaallatamne, kanaaf ni lolama ture. Deddebiin isaa fi barsiisi isaa akka inni kallattin angoo isaanii gaaffi jala galche, akkasumas ulfina isaanis tuqetti fudhatan. Dubbin kunis immo dhugaadha. Yesuus yeroo inni warra hawaasi of irraa dhiibe, ofitti isaan qabee,  isa abbooti amantii, hawaasi, yookaan aadaan ittin jedhu garasitti gara akeeka Waaqayyootti isaan waamu, hafura isaanii ol qabu, gartokkon abbota amanti warra tuffin cubbamoota irraa of qoollisan, warra angoo fi qabeenyaa isaaniin warra kaan mooggaa qargara jiraanyaati dhiibaniif ceephoodha. Jireenya fi deddebi’uu isaatin Yesuus tokkon tokkon dhala namaaf akeeka Waaqayyo qabu gutummaatti nuuf mul’se.


Darbees kan fannoo irratti ta’e, jireenya keenya guyyaa arraaf dhoksaa guddaa of keessa qaba. Yeussu kiristoos, badii tokko malee yeroo inni fanno irratti rarraafame jennu, kan inni mul’su baasii cubuu keenyaa duwwaa otuu hin taane, Waaqayyo isa inni gutummaatti dhiibuu fi hirrina qabqajeelummaan dhiphina dhala namaa irra ga’u  gutummaatti hirmaachuu issati. Waaqayyo heddu nu jaallchuu isaa irraa kan ka’e namummaa isaatti dhiphina kana keessatti guutummaatti hirmachuun waa’een dhala nama , keessaa iyyuu dhiphini tokkon tokkon keenyaa, tuffatamuun tokkon tokkon keenyaa, hiyyuumaan tokkon tokkon keenyaa, abdii dhabuu tokkon tokkon keenyaa, qabqajeelumaa dhabuun tokkon tokkon keenyaa kan isa dhibu ta’uu isaa nutti mul’ise. Gadadoon Yesuus kan inni fannoo irratti” Waaqa koo Waaqa koo maaf na dhiifta” sagalee dhiphinaa ka yeroo garaa garaatti dhalli namaa hundumtuu jiguu qabqajeelummaan shaakalu, iyya sagalee tokkoon tokkoon keenyaatti.  Tarii ar’a kun gadadoo ijoollee ol adeemoo akkasumaa xuwwaa dhipnaa fi du’aa dhugaa jiran Oromiyaa keessaa, abboota keenyaa fi haadhota keenya kan yeelloon qalbii isaanii cabee hiyymmaa isaan dhuunfate, kan mana idhaa keessatti umurii isaanii yakka tokko malee fixaa jiran ta’a.  


Waaqayyoof haagagaltu, Fannifamuun Yesus garuu du’a duwaan hin xumuramnne, kanaafuu Fasikaa ayyaanefanna. Wangeelle du’aa ka’uu Yesuus abdii fi gammachuun xumurame. Waaqayyoo Yesuusin du’aa kaasuu isaatin, jal’ina ilmaan namaa otuu hin taane qajeelummaan Waaqayyoo akka iddoo fudhatu nuuf dhugoomse. Akka kanaan amantii fi kallatti ija keenya du’a agarsitti jirenya, qabqajeelummaa dhabuu garasitti qabqajeelumma, dhukkuba garasitti fayyina, hiyyummaa garasitti badhaadhummaa akka abdannu, haalli hammaa xumura seenaa akka hin taane Waaqayyo ofii isaatti dhugaa nuuf ba’e. Tarii yeroo kana yeroo itti dhiphina Gooftaa Kenyaa kana yaadannu qalbii keenya bu’aa fannoo duwwaa otuu hin ta’in gadifageenyatti abdii inni tokko tokkon keenyaaf qabu keessatti of ilaaluu fi abdii kenya harefachuun gaarii ta’a.   
Dr. Gemechu Olana

 
Gospel Media
LIVE STREAMING

 
Live Worship : Every Sunday

Live Worship Streaming Every Sunday  from San Diego and Minnesota: OEC - Minnesota  8:30 AM (PT)  |  OEC - San Diego 4:30 PM (PT) and more will come soon

 
VIDEO STREAMING

Birmduu Gospel Media Video on Demand Video Streaming Service.

 
BIRMADUU RADIO

 Birmaduu Gospel Media Radio streams gospel songs, short devotions and readings in Afaan oromo.

 
Articles by Order